Oromoota fi Michoota Oromoo hundaaf Afeerraa ayyaanneffannaa (celebration) waggaa 10ffaa Gamtaa Oromoo (GO) e.V. fi Galgala Oromoo! Jaallatamoo keenya, waan hundumaa dura nagaan waaqaa haa dursu. Gamtaan Oromoo (GO) e.V. waggaa 10ffaa itti hundeeffame (10th year of its foundation) nu wajjin bashanaanaa gammachuudhan akka dabarsiitanu kabajaan isin afeerree jira. Sagantaa kana irratti waa’ee hawaasa Gamtaa Oromoo ilaalchisee shoora (role) ini naannoo kanatti qabu hubachiisuu qofaa otoo hintain waantaa adda addaa kan waa’ee Oromummaa calaqqisanu fakk. Dhiheessaa (presentation) adda addaa kan keessummoota beekamoo afeeramaniin dhihaatan fi Sirboota Aadaa Oromoo (life music), akkasumas nyaata fi dhugaatti dansaa wajjin akka mishaatti qophaa’anii isin eegu. Guyyaa: 25.10.2014 Sa’atii: 15:00 irraa eegale Iddoo: Volkshaus Enkheim Borsigallee 40, Frankfurt a. M. Akkataa itti adeemamuu: Buufata baaburaa Frankfurt, Konstablerwache irraa U-Bahn U-7 kallattii (Richtung) Enkheim fudhachuudhan amma dhumaatti deemuu, achi irraa miilan daqiiqaa 3 caala nama hin deemsiisuu! Odeeffannoo caalaa Argachuuf: 06151/426316 / 015785013760 ykn 015253844999 [email protected] Odeeffannoo kana obbolaa keenya Oromoota fi Michoota Oromoo hundaatti maaloo nuu dabarsa! KHG GO e.V. Galgalaa Bashanaanaa Magaalaa Frankfurt a. M . Artist Malaakuu Caalchissa Artist Malaakuu Caalchissa & CO. halkan guutuu nu bashanaansiisuuf Biyyaa Swizerland Magaalaa Zürich irraa dhufu!
© Copyright 2025 ExpyDoc