Jireenya Hafuuraa Bilcaataa Horachuu

BGM
Qorannaa macafa Qulqulluu: Duukabutummaa, Kutaa 7ffaa,
Lb. Dr. G. Olana
Jireenya Hafuuraa Bilcaataa Horachuu
Jireenya hafuuraa bilcaataa akkamitti horatama?
1. Jireenya ijoolummaa keessa ba’uun
“Mucaa kootti akka mucaatti nan dubadhe, akka mucaatti nan yaade, akka mucaattis sababii
nan kennan ture; amma garuu ergaan nama ga’aa ta’ee, akka mucaatti jiraachuu dhiiseera”
1Qor 13:11
Jireenya mantii keessatti akka mucaatti yaaduu fi jireeachuu jechuun maal jechuu dha?
______________________________________________________________________________
Guddinni amantii kee sadarkaa akkamii irra jera jettee yaadda jira?
______________________________________________________________________________
2. Hubannaa Keenya guddifachuu
“Obbolota nana ! Yaada keessanitti warra ga’an ta’aa malee, mucoolii hin ta’inaa. Hamaa
hojechuutti garuu akka daa’imootaa ta’a” 1Qor 14:20
Phaawuloos ‘warra ga’an ta’aa’ yeroo jedhu maal jechuu isaati jettee yaadda?
______________________________________________________________________________
Amanaan tokko bilchaata ta’uu isaa, akka Ergaa Phaawuloos kanaatti, maal hubanna?
______________________________________________________________________________
3. Kiristoosiin fakaachuutti dhama’uu
“…Kunis hamma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyoo beekuu anamoota
ga’aan taanee, guddina safara guutummaa Kiristoos bira hamma geenyutti ta’a. … kottaa karaa
hundumaa gara isa mataa nuuf ta’ee Kiristoositti in guddanna” Efs. 4:13,15
Kiristoositti guddachuu jechuun maal jechuu sitti fakkaata?
______________________________________________________________________________
Kiristoositti gudachuun maalif barbaachise?
______________________________________________________________________________
BGM
Qorannaa macafa Qulqulluu: Duukabutummaa, Kutaa 7ffaa,
Lb. Dr. G. Olana
4. Dhugaa Sagalee Waaqayyoo gadi fageenyaan beeku
“Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’aaniti; warri kun sammuun isaanii hojiidhaan ittio bara
hamaa fi gaarii gargarbaasuu in danda’a”
Mee Ibiroota 5:11-14 gutummaa isaa dubbisi gaaffilee kana deebisis.
Guddina bilchaataa hubee sagalee Waaqayyoo akka hin qabaanne kana mana godhu maal sitti
fakkaata ? Daagii jechuun maal jechuudha?
______________________________________________________________________________
Guddinni amantii shaakala amantii qofa otuu hin taane, hubannaa bilchaataa waa’ee sagalee
Waaqayyo akka ta’ee siif gala?
______________________________________________________________________________
Bilchina hubannaa sagalee Waaqayyo qabaachuuf hamma dhimmita?
______________________________________________________________________________
5. Qoramasa mo’achuu
“Isin ijoollota nana! Abbaa akka isin beektaniis isniif caafeera; isin abbota nana! Isa jalqabaa
jalqabee jiru sana akka beekaniif isiniif caafeera. Isin dargagoota nana! Isin jaboo akka taatan,
dubbiin Waaqayyo isin keessa akka jiraatu, isa hamaas akka mootaniif isiniif caafeera” 1Yohn.
2:14
“Dubbin Waaqayyo isisn keessa akka jiraatu” yeroo jedhu maal jechuu isaati?
______________________________________________________________________________
Akka ergaa kanaatti qormsa mo’achuun kan danda’amu yoo maal ta’ee dha jedha?
______________________________________________________________________________
XIINXALA
•
•
•
Bilchnii amantii kee akkami?
Maaltu bilchina amantii kee laaffisa jettee yaadda?
Kiristoosin fakkaachuuf dhamaataa?